I know I want to learn

I know I want to learn

“Official Languages of Ethiopia”


251) Talking about One Self

Learn all 5 Official Langauges of Ethiopia at once
English Amharic Afaan Oromoo Somali Tigrigna Afar
My name is Eyasu.Maqaan koo Iyyaasuudha.
My name is Hiwot/I am Hiwot.Maqaan koo Hiwoot./Hiwoot jedhama.
I'm 25 years old. Umriin koo waggaa 25.
I was born on May 3, 1984. Ani kan dhaladhe caamsaa 3 bara 1984'tti.
I was born in a small village near Hossana. Ani kan dhaladhe gandaa xinnoo/xiqqoo naannoo magaalaa Hosaanaatti.
I grew up in Hossana.Magaalaa Hosaanaatti guddadhe.
I went to school in Hossana. Barnoota kan jalqabe magaalaa Hosaanaatti.
My family moved to Addis Ababa five years ago.Maatiin koo waggaa shaniin dura gara magaalaa Finfinneetti galan.
My father is a farmer (a merchant, a driver, a doctor, a teacher).Abbaan koo qonnaan bulaa/daldalaa/konkolaachisaa/doktoraa/barsiisaa dha.
My mother is a nurse (a journalist, a tailor, a secretary, an engineer). Haati koo narsii/gaazexeessituu/huccuu hodhituu/barreessituu/injiinara dha.
I have a younger brother. His name is Eyasu. Ani obboleessa quxisuu/maandhaa Iyyaasuu jedhamu qaba.
I have a brother, his name is Yilma. Ani obboleessa yilmaa jedhamu qaba.
He is two years older than me. Inni waggaa lamaan na caala.
My younger sister is Selam. She is a school girl.Obboleettin quxisuu/maandhaa koo salaam jedhamti. Isheen barattuudha.
I'm not married.Ani hinfuune (dhi)/hineerumne (dub).
I'm married. I have a family.Ani fuudheen jira (dhi) Ani maatiin qaba.
I have two children, a boy and a girl.Ani ijoollee lama (dhiiraafi dubara) qaba.
I have two sons, fifteen and nine.Ijoollee dhiiraa lama kan umrii umriin isaanii kudha shaniifi sagalii qaba.
My daughter is two years old.Mucattiin/mucayyoon/Intalli koo waggaa lama.
We live in a condominium.Mana kondomiiniyeemii keessa jiraanna.
We live near a large park.Paarkii guddaa maddii jiranna.
My address is Piyazza. Teessoon koo Birbirsa Goorooti.
I like to read and walk with my friends.Ani dubbisuufi hiriyyoota koo wojjiin miilaan deemuu jaaladha.
I like basketball and old movies.Kubbaa Kochoo taphachuufi fiilmii durii ilaaluu jaaladha.
My hobby is photography.Suuraa kaasuu jaaladha.
My hobby is taking pictures of birds.Simbirroo/shimbirroo suuraa kaasuun na gammachiisa.
My wife loves traveling.Haati manaa koo imala jaalatti.
She likes collecting different countries coins.Isiin saantiba biyyoota gara garaa walitti qabuu jaalatti.
My husband likes to cook.Abbaan manaa koo nyaata bilcheessuu jaalata.
We like classical music.Nu muuziqaa lommoxaa jaalanna.
What do you do?Maal hojjatta?
What business are you in?Daldala akkamii keessa jirta?
I’m an engineer.Ani Mahaandisa dha.
I'm a sales manager.Ani hogganaa hojii gurgurtaati.
I'm a secretary.Ani barreessaa/barreessituu dha.
I am a librarian.Ani ogeessa mana kitaabaati.
I work at a bank. And you?Ani baankii hojjadha, Ati hoo?
I work at a department store.Ani mana kuusaa muummee keessa hojjadha.
I work in a restaurant.Ani mana nyaataa keessa hojjadha.
I work as a teacher.Ani hojii barsiisummaa hojjadha.
I work for a newspaper.Ani hojii gaazexeessummaan hojjadha.
I'm in computers.Ani Ogeessa kompiitaraati.
I'm in advertising.Ani hojii beeksisaa hojjadha.
I'm in real estate.Ani hojii ijaarsa mana/manneen gurguddaa keessa hojjadha.
Do you study or work?Ati hinbaratta moo hinhojjetta?
I'm a student at Wachemo University.Ani Yunivarsiitii Waachamoo/Arsii baradha.
I am a student in the department of Sociology at Wachemo University.Ani Yunivarsiitii Arsiitti Muummee Afaan Oromoo baradha.